header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Dhalattoonni Oromoo Naannoo Benshaangul Gumuz godina Kamaashii keessa jiraatan rakkoo hamaa keessa kan jiran tahuu ibsan

Walitti bu’iinsa fulbaana darbe Keessa naannoo Benshaangul Gumuz godina Kamaashii keessatti ka’e hordofuun, dhalattoonni Oromoo godinicha keessa jiraatan heddu ajjeefamuu fi kanneen kumaatamaan lakkaahaman ammoo qe’ee fi qabeenya isaanii irraa kan buqqifaman tahuu gabaasuun keenna ni yaadatama.

Godina Kamaashii keessatti dararaan dhalattoota Oromoo irratti raawwatamu kun ammallee kan itti fufee jiru tahuu fi dhiheenyuma kana dhalattoota Oromoo godinicha keessa jiraatan irratti ajjeechaan kan raawwatame tahuu namni naannicha irraa bilbilaan dubbisne nuuf hime. Namni kun itti dabaluudhaanis “namoonni hedduun gara naannoo Oromiyaa baqatanii jiru, kan asitti hafne immoo rakkoo hamaa keessa jirra, guyyaa hardhaatuu magaalaa Kamaashii keessa dhuukaasatu jira”jedhe. Haa ta’u malee waraanni mootummaa haala nageenyaa too’achuudhaaf carraaqaa kan jiru tahuu odeeyfannoon arganne ni ibsa.

Dhalattoonni Oromoo godinicha keessaatti hafan gara naannoo Oromiyaa deebi’uuf qaamota mootummaa gaafatanii akka turanii fi hoggantoonni godinichaa, karaa irratti rakkoon yoo isin qunnameef itti gaafatama hin fudhannu jechuun kan deebisaa isaanii kennan tahuu namni nannicha irraa dubbisne kun nuuf hime.

Yeroo ammaa dhalattoonni Oromoo magaalaa Kamaashii keessa jiran, iddoo magaalaa irraa kilomeetira tokko fagaatee argamutti walitti qabamanii kan jiran akka tahee fi mootummaan Federaalaa fi naannolee lamaanii balaa hamaa isaan keessa jiran kana hubatanii gara naannoo Oromiyaatti akka isaan deebisan iyyatanii jiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button