header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Lammiilee Ityoophiyaa manneen hidhaa Sa’uudii keessa turan jidduu 450 har’a gara biyyaa galan

Mootummaan Sa’uudii lammiilee Ityoophiyaa yakkoota gara garaa raawwachuun manneen hidhaa biyyattii keessa jiran jidduu 2400 dhiifamaan gad lakkisuudhaaf waadaa galee ture. Haaluma kanaan torbee dabre lammiileen Ityoophiyaa 450 kanneen manneen hidhaa  Sa’uudii irraa gadi lakkifaman gara biyyaatti kan deebifaman yoo tahu,  guyyaa hardhaatis  lammiileen 450 kanneen mana hidhaa Jiizaan keessa turan gara biyyaatti kan deebifaman tahuun beekamee jira.

 

Lammiilee guyyaa hardhaa gara biyyaatti deebifaman kanneen dubbi himaan ministeera haajaa alaa Obbo Mallas Alam buufata xiyyaara Booleetti argamuun simatee jira.  Haaluma wal fakkaatuun, Jum’aa dhuftu December 14,2018 lammiilee 450 gara biyyatti debisuudhaaf kan hojjataa jiru tahuu waajjirri ministeera haajaa alaa beeksise.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button