header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Magaalaa Mi’eessootti sagantaan cufiinsa Madrasaa Shamsul Islaam geggeeffame

Madrsaan Shamsula Islaam kan godina Harargee Lixaa Magaalaa Mi’eessootti argamu baatii Ramadaanaa seenaa jiru sababeefachuun sirna cufiinsa madrasaa kan geggeesse yoo tahu, hawaasni magaalattii fi naannawa isii lakkoofsaan heddu tahe saganticha irratti  hirmaateera. Jilli da’awaa fi iyyaafannoo Sheikh Amiin Ibrootiin durfamus sagantaa kana irratti argamuun hawaasaaf ergaa adda addaa kan dabarsan tahuun beekamee jira.

 

Dabalataanis Madrasaa Shamsul Islaam jabeessuudhaaf hawaasni  maallaqa fi deeggarsa gara garaa kan kenne tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button