header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Hoggantoonni biyyoota Islaamaa heddu marii Maleezhiyaan qopheessite irratti hirmaatuuf Kuwaalalaampur seenaa jiran

Kora hoggantoonni biyyoota Islaamaa 20 ol tahan irratti ni hirmaatu jedhamee eeggamu kana Prezdaantiin Maleezhiyaa Dr. Mahtiir Muhammad kan qopheesse yoo tahu, haala Muslimoonni addunyaa keessa jiran irratti mari’achuuf waltajjii qophaahe tahuu ibsame. Ajandaan kora guyya afur turuu hanga ammaatti ifatti kan hin ibsamin tahus, dhimmoonni Muslimoota Rohingiyaa, Muslimoota Wiigar, Muslimoota Khaashimiir, akkasumas dhimmi jibbiinsa Islaamummaa babal’ataa dhufe qolachuuf kallattii kaahuu kan keessatti argaman tahuu miidiyaaleen Maleezhiyaa gabaasan.

Haaluma kanaan hoggantoota hanga ammaa biyyattii seenan jidduu Prezdaant Rajab Erdogaan, Prezdaant Hasan Ruhaanii fi Amiirri Qaxar Sheikh Tamiim Bin Hammad Al-Saanii kan keessatti argaman tahuu odeeyfannoon ni addeessa. Muummichi ministeera Paakistaan Imraan Khaan yaada marii kanaa ilaalchisee jalqaba irraa deeggarsa kennaa kan ture tahus, dhiibbaa Sa’uudiitiin dhuma irratti ministeera haajaa alaa erguuf kan murteesse tahuu gabaafame.

Gama biraatiin ammoo Sa’uudiin korri Maleezhiyaan qopheessite kun Gamtaa Biyyoota Islaamaa 57 OIC-jedhamu, kan waajjirri muummee magaalaa Jiddaa keessatti argamu dadhabsiisuu mala soda jedhu kan qabdu tahuu ibsite. Haaluma kanaan Mootummaan Sa’uudii biyyoonni Muslimaa heddu kora kana irratti akka hin hirmaanneef dhiibbaa godhaa kan ture tahuu odeeyfanoon ni addeessa.

Haata’u malee mootummaan Maleezhiyaa, “kaayyoon kora kanaa gamticha diiguu osoo hin taane, waltajjii cimaa hoggantoonni, hayyoonni fi ulamoonni biyyoota Muslimaa walitti dhufuun, dhimmoota hawaasa muslimaa qunnamaa jiran irratti mari’atanii kallattii furmaataa hojitti hiikamuu danda’u itti kaayan”jechuun komii Sa’uudii kana haale.
Korri kun Arba’aa har’aa galgala jalqabamee Alhada dhuftu kan goolabamu tahuunis beekamee jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button