header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Iraan Saatalaayitii tajaajila waraanaa kennitu gara Hawaa erguu beeksiste

Humni Eggumsa Warraaqsa Iraan kan IRG jedhamuun beekamu, Arba’aa har’aa Saatalaayitii tajaajila waraanaa kennitu milkiin gara Hawaatti erguu beeksise. Iraan kanaan dura saatalaayitoota telekominikeeshiinii fi tajaajila siviilii gara garaa kennan gara Hawaatti kan ergaa turte tahus, Saatalaayitii tajaajila waraanaa kennitu erguu isii yeroo jalqabaatiif ibsite.

Iraan Ji’oottan muraasa asitti qofa yeroo sadi saatalaayitii gara Hawaatti erguuf yaaliin godhaa turte kan fashalaaye yoo tahu, Ameerikaa fi Israa’el biyyattiin misaa’ela Niwukilarii baadhaatu yaalaa jirti jechuun yakkaa turan.

Haaluma walfakkaatuun guyyaa har’aa Iraan Saatalaayitii tajaajila waraanaa gara Hawaatti erguu eega beeksistee booda, Ameerikaa fi Israa’el cimsanii balaaleffataa jiran. Ministeerri haajaa alaa Ameerikaa Mayik Pompiyoo ibsa kenneen “Humni Shororkeessaa Iraan IRG jedhamu Yaalii misaa’ela sadarkaa olaanaa geggeesseef itti gaafatamuu qaba”jedhe. Israa’el gama isiitiin, Saatalaayitiin Iiraan har’a gara Hawaatti ergite, biyyattiin Niwukilarii waraanaa oomishuuf dandeetti qabdu kan garsiisu jechuun ibsite.

Gama biraatiin ammoo Prezdaant Traamp Fuula Twitter isaa irratti “Kana booda Dooniiwwan waraana Iraan Humna Galaana Ameerikaa irratti aggaammii fi danqaa uumuuf kan yaalan yoo tahe, akka rukutaman ajaja kenneetiin jira”jechuun barreesse. Torbee tokko dura Dooniiwwaan waraana Iraan, Markaba Humna Galaana Ameerikaa Baha Jiddu Galaa keessatti argamtu takkatti dhihaachuun, daangaa galaana Iraan keessaa akka baatu akeekkachiisuun gabaafamee ture.

 

8 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button