header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Jiraattonni Magaalaa Shashamannee rakkoo bishaan dhugaatii hamaa keessa jiraatuu himan

Godina Arsii Lixaa magaalaa Shashamannee hanqinni bishaan dhugaatii  yeroo dheeraaf kan ture tahus,  amma immoo daranuu kan hammaate tahuu jiraattonni magaalattii ibsan.  Kanaan dura gahaa tahuu dhabus gandoonni magaalattii dabaree dabareen bishaan hamma tokko kan argataa turan yoo tahu, amma garuu haala guutumaan guututti hin jiru nama jechisiisu irra kan gahe tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

 

Akka jiraattonni nuuf ibsanitti; “duraan bishaan jarikaana tokko birrii Afuriin bitataa turre, amma immoo birrii 10 ta’ee jira, kanaahuu nama qabeenya qabu malee harka qalleeyyiin hin argatan, rakkoon kun immoo yeroo irraa yerotti furmaata arganna jennee obsinuulee daranuu nutti hammaataa dhufe”jedhan.

 

Namoonni dhuunfaan bishaan manatti galfatanii turanis,  “maqaaf ujummoon moonaa keessa nu jira malee,  ji’a lamaa oliif bishaan argannee hin beeknu”jechuun nuuf himan.  Jiraattonni magaalaa Shaashamannee rakkoo bishaanii hamaa kanaaf, qaamni dhimmi ilaallatu hatattamaan akka furmaata nuuf kennu jechuun gaafataniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button