header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Balaan Kirkira lafaa Baha Turkiyaa keessatti muudate yoo xiqqaate lubbuu nama 20 galaafate

Qondaaltonni mootummaa Turkiyaa akka ibsanitti, balaa kirkira lafaa kutaa biyyattii Elazig jedhamtu keessatti halkan edaa muudate kanaan, hanga ammaatti namoonni 20 du’uu fi 1,000 ol ammoo miidhmanii jiru. Kirkira lafaa hamaa maagnituudii 6.8tti shallagame kanaan gamoowwan daldalaa fi manneen jireenyaa heddu kan jijjigan yoo tahu, haaluma kanaan hojjattoonni yeroo balaa namoonni jijjigaa manneenii jalatti awwaalaman jiraachuu malan sodaa jedhuun barbaacha kan itti fufan tahuu odeeyfannoonni addeessa. Kirkira lafaa kana boodas hollannaan lafaa yeroo 200 ol akka muudatee fi biyyoota ollaa Turkiyaa kanneen akka Suuriyaa, Joorjiyaa fi Armeeniyattis kan dhagayame tahuu gabaafame.

Prezdaant Rajab Erdogaan balaa kana ilaalchisee dhaamsa gama Twitter isaatiin dabarseen, mootummaan akkuma kirkirri lafaa hamaan kun muudateen hojjattoota yeroo balaa saffisaan gara naannichaatti bobbaasuu ibsuun, namoonni hedduu manneen barnootaa fi jimnaaziyeemota keessa kan qubsiifaman tahuu beeksise. Prezdaant Erdogaan itti dabaluudhaanis “mootummaan namoota balaa kanaan miidhaman hanga deebi’anii bayyanatanitti gama hundaan ni deeggara”jedhe.
Turkiyaan naannawa kirkirri lafaa yeroo heddu itti muudatu keessatti kan argamtu yoo taatu, kirkirri lafaa hamaan bara 1999 kaaba dhiha biyyattii keessatti muudate halkan tokkoon namoota 18,000 ol galaafate. Haaluma walfakkaatuun kirkira lafaa bara 2010 kutaa Elazig keessatti muudateen namoonni 51 du’uu odeeyfannoon ni addeessa.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button