header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Jilli Ulamaa’otaa fi Hayyoota biyya keenyaa biyyoota alaa jiraatanii Finfinnee seene

Jilli Ulama’oota fi Hayyoota 28 of jalaatti hammate kun jijjiirama Siyaasaa yeroo amma biyyaatti keessa jiru hordofuun kutaa hawaasaa gara garaa fi hoggantoota mootummaa waliin marii geggeessuuf biyyoota Ameerikaa, Awurooppaa, Eeshiyaa fi Afrikaa irraa walitti kan dhufan yoo tahu, ganama har’aa yeroo buufata xiyyaara Boolee gahanitti simannaan ho’aan godhameefii jira.

 

Dabalataanis har’a galgala Salaata Magribaa booda masjiida Ayyar Xeenaatti sagantaan Simannaa ho’aan kan godhamuuf yoo tahu, turtii isaanii  keessaattis qondaaltota mootummaa fi kutaalee hawaasaa gara garaa waliin marii kan geggeessan tahuun beekameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button