header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Ameerikaan filannoo Koongoo keessatti geggeefameen walqabatee jeequmsi ni ka’a sababa jedhuun, loltoota isii Gaaboon keessa  kan qubsiifte tahuu gabaafame

Filannoo prezdaantummaa Koongoo (DRC) keessatti December 30/2018 geggeefame hordofuun jeequmsi ka’uu malaa sodaan jedhu kan babal’ataa dhufe yoo tahu, Ameerikaan Koongoo keessatti rakkoon yoo kan uumamu tahe lammiilee isii biyyattii keessaa baasuudhaaf sababa jedhuun, loltoota isii biyya ollaa koongoo kan taate Gaboon keessa kan qubsiifte tahu ibsite.

 

 

Prezdaant Traamp Jum’aa kaleessaa Xalayaa Kongirasii Ameerikaatiif barreesseen akka ibsetti, marsaa duraatiif loltoonni Ameerikaa 80 tahan Arba’aa dabre hidhannoo guutuu fi xiyyaara waraanaa tokko waliin Gaaboon kan qubatan tahuu hime. Marsaa itti anuun ammoo waraanni dabalataa gara Gaboon, DRC fi Koongoo Braazaaviilitti kan ergaman tahuu ibse. Ameerikaan akka jettutti waraanni Koongoo fi biyyoota ollaa  keessa qubsiifamaa jiru kun, hanga haalli Koongoo keessa jiru tasgabbaahutti naannicha kan turu taha.

 

Gama biraatiin ammoo Komishiiniin filaannoo Koongoo bu’aa filannoo Prezdaantummaa Alhada boruu kan ibsu tahuu beeksise. Haa ta’u malee Gamtaan Afrikaa fi dhaabbileen idil addunyaa heddu, filannoon Alhada darbe biyyattii keessatti geeggefame ifaa fi haqa qabeessa tahuu shakkii akka qaban  ibsuun, bu’aa filannoo boru ni ibsama jedhame kana hordofuun biyyattii keessatti walitti bu’iinsi uumamuu mala jechuun akeekkachiisaa jiran.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button