header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Mootummaan Sa’uudii namoota shan kanneen ajjeechaa Gaazexeessaa Jamaal Kaashoqjii keessaa harka qaban irratti addabbii du’aa murteese

Abbaan Alangaa Mootummaa Sa’uudii ibsa har’a kenneen, ajjeechaa bara dabre qonsilaa Istanbul keessatti gaazexeessaa Jamaal Kaashoqjii irratti raawwatameen wal qabatee, namoota himannaan irratti baname jiddu shan irratti addabbiin du’aa kan murtaahe akka taheefi, namoota sadi irratti ammoo adabbiin hidhaa waggaa 24 murtaahuu beeksise.

Abbaan alangaa mootummaa Sa’uudii ibsa isaa kanaan, namoota 11 qorannaan irratti geggeeffamaa ture jidduu, gorsaa Muhammad Bin Salmaan kan tahe Sa’uud Al-Qahxaanii irratti qorannoo geggeeffameen ragaan waan dhabameef kan gadi lakkifame tahuu ibse. Hata’u malee maqaan namoota murtiin irratti kennamee hanga ammaatti hin ibsamne.

Jamaal Khashoqjii October 2/2018 qonsilaa magaalaa Istanbul keessatti, humnoota tikaa mootummaa Sa’uudiitiin ajjeeffamee reeffi isaa asiidiin bulbulamee kan gatame tahuun ni yaadatama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button