Odeeyfannoo

Yuunivarsitii Addigiraatitti Barattoonni 5 ajjeefaman.

Yuunivarsitii Addigiraati kan naannoo Tigraayitti argamutti kaleessa irraa jalqabee dhalattoonni naannoo Tigraayi, barattoota naannoo Oromiyaa fi naannoo Amaaraa irraa dhufan irratti dararaa raawwataa jiraatuu odeeffannoon argame ni addeessa.

Jeequmsa kahe kanaan barattoonni naannoo Oromiyaa lamaa fi kanneen naannoo Amaaraa irra dhufan 3 ajjeefamuu fi akkasumas hanga ammatti barattoonni 20 ol tahan miidhamuu beekameera.

Barattoonni gariin immoo yeroo ammaa kana masjiidaa fi manneen amantaa naannawa san jiranitti baqatanii kan jiran tahuu odeeyfannoon ni mul’isa.

Comment

Related Articles

Back to top button