Haleellaa buufata waraana Afgaanistaan irratti raawwatameen yoo xiqqaate loltoonni 125 kan ajjeefaman tahuu gabaafame
Qondaaltonni waraana Afgaanistaan Rooytersiif akka himanitti, loltoonni Xaalibaan buufata waraana magaalaa Kaabul irraa kilomeetra 40 qofa fagaatee argamu irratti haleellaa har’a ganama raawwataniin, yoo xiqqaate loltoonni mootummaa 125 kan ajjeefaman tahuun beekkameera. Buufatni waraanaa kun magaalaa guddoo kutaa Wardak kan taate Ma’idan Shahir keessatti kan argamu yoo tahu, qondaaltonni naannichaatis haleellaa kanaan loltoonni mootummaa 100 ol kan ajjeefaman tahuu mirkaneessan.
Gareen Xaalibaanis ibsa baaseen, hidhattoonni isaa haleellaa qindaawaa tahe buufata waraana mootummaa Afgaanistaan irratti raawwatuun loltoota mootummaa heddu kan ajjeesan tahuu beeksise. Dhiheenya kana gareen Xaalibaan haleellaa humnoota mootummaa Afgaanistaanii fi loltoota biyyoota dhihaa Afgaanistaan keessa qubatan irratti raawwatu cimsee kan itti fufe tahuu gabaasni arganne ni addeessa.
Yeroo ammaa kutaaleen biyyattii 50% tahu too’annaa garee Xaalibaan jala kan gale tahuu, qorannoon dhaabbata Ameerikaa dhimma nageenya Afgaanistaan qoratu irraa argame ni mul’isa.