header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Giddu galli Islaamaa Taawfiiq Islamic Center Saamame

Masjiidni Taawfiiq ( Tawfiq islamic center) kan Minesootaatti aragamu qaama hin beekamneen Guyyaa Alahadaa September 4 / 2022 kan saamame tahuun beekame.

 

Viidiyoon kaameeraa Masjidaa irraa argame akka mul’isutti; namni Masjida kana saamee fi caccabse haala jibbiinsaan guutameen fuula haguuggatee eega masjiida cabsee seenee booda, qabeenya Masjidaa mancaasuun mallaqas saamee jira.

 

Meeshaa Sibiilaa jajjabaa fi Madooshaa sibiilaa jabaa kan qabate namni kun, kutaa imaamaatii fi kutaa janaazaan itti dhiqamu irraa diiguu kan eegale yoo tahu, kutaalee hedduu irraa daawwitii harcaasuun qabeenya guddaa mancaasee hojiin ala taasisee jira. Dabalataan Kutaaleen akka biiroo barsiistotaa, biiroo dura bu’aa Masjidaa, Mana kuusaa, kutaa Hojjattootaa fi qabeenya biroo hedduus caccansee kan balleesse tahuun beekamee jira.

 

Qabeenya barbadaawee fi Saamame ilaalchisee Bulchiinsi Masjida Taawfiiqii fi Qaamni Mootummaa, September 6 / 2022 Salaata Zuhrii booda akka Minisootaatti sa’atii 1:00 pm irratti ibsa hawaasaaf kennuuf beellamatanii jiru.

 

Nuuralhudaa

Soora Qalbii Muslimaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button