Godina Jimmaa Aanaa Shabee Somboo magaalaa Shabeetti mata duree “mana Rabbii haa ijaarruu” jedhuun, sagantaan Muhaadaraa guddaan geggeeffamaa jira. Kaayyoon sagantaa kanaa, gamoo masjiida Al-kawsar kan magaalaa Shabeetti ijaaramaa jiruu xumursiisuuf galii walitti qabuuf kan qophaa’e tahuu gabaafame.
Sagantaa kana irratti hawaasni muslimaa lakkoofsan hedduu tahe fi keessummoonni iddoo gara-garaa irraa dhufan, kan irratti hirmaataa jiran tahuu odeeyfannoo ni addeessa. Ustaaz Hayder Khadiir fi Ustaaz Rayyaa Abbaa Maccaa saganticha irratti kan argaman tahuunis beekkameera.
#Godina_Jimmaa #Magaalaa_Shabee
Related Posts