header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Jiraattonni magaalaa Galamsoo hiriira mormii geggeessan

Godina Harargee lixaa magaalaa Galamsoo keessatti ummanni ganama hardhaa hoggantoota aanichaa mormuun hiriira kan bahe akka taheefi, dhaadannoowwan adda addaa dhageessisaa kan ture tahuu gabaafame. Jiraattonni aanichaa akka jedhanitti, hoggantoonni aanichaa aangoo irra jiran namoota kanaan dura ummata keenya ajeesisaa, hiisisaa fi gochoota hamaa heddu nurratti raawwaata turan waan tahaniif, yeroo jijjiiramni dhufe jedhamu aangoo irra turuu wanta hin malleef akka kaafaman jechuun gaaffii kan dhiheefftan tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Namoota hiriira hardhaa irratti hirmaatan jidduu namni bilbilaan dubbisne akka nuuf himetti:
“Hoggantoonni amma aanicha keessa jiran hundi isaanii, namoota kanaan dura harki Isaanii dhiigaan laaqame, namoonni kun akka aangoo irraa kaafaman jechuun manguddoonni gara qaama ol’aanaatti dhaquun iyyannoo dhiheessanii kan turan tahus, mootummaa irraa deebisaa wan dhabneef hiriira baane”jedhe.

Dabalataanis, eega haaromsi iddoo biraatti muldhatee boodas, akka aanaa isaaniitti haaromsi takkallee kan hin jirre tahuu nuuf hime.

Dhaadannoowwan hiriira kana irratti dhageessifamaa turan jidduu:
Tamasgan kadiir itti gafatamaan waajjira poliisii anaa habroo nurraa haa ka’u!
Zaakir Muktaar yakkamaa waan ta’eef bulchaa ta’ee anaa Habroo dhufuu isaa ni balaalefanna !
Kaabineen maqaa qeerrootiin ummata saamtu nurraa dhaabbachuu qabd! Kan jedhuu fi kanneen birootis dhagahamuu Odeeyfannoo ni addeessa.

Hiriirri kun nagayaan kan xumurame tahuus beekameera.

Galamsoo Hiriira mormii 1

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button