header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Prezdaantiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaataa Ityoophiyaa daaw’ataa jira

Jilli mootummaa Keeniyaa Prezdaant Uhuuruu Keeniyaataan durfamu daaw’annaa hojii guyyoota lamaatiif Jum’aa Kaleessaa  Finfinnee kan seene yoo tahu, muummicha ministeeraa Dr. Abiy Ahmad dabalatee qondaaltonni mootummaa Ityoophiyaa buufata xiyyaara Booleetti argamuun simatanii jiru.

 

Jilli Prezdaant Uhuruun kun qondaaltota mootummaa, hoggantoota kubbaaniyyaa fi bakka buutota hawaasa daldalaa walumaa galatti miseensota 100 kan qabu yoo tahu, carraa daldalaa fi Investimantii Ityoophiyaa keessa jiru irratti hoggantootaa fi dhaabbiilee daldala Ityoophiyaa waliin kan mari’atan tahuu gabaafame.

 

Haaluma kanaan kaleessa hoggantoonni lamaanii fi qondaaltonni ol’aanoon biyyoota lamaanii foramii daldalaa fi invastimantii Ityoophiyaa fi Keeniyaa Finfinnetti qophaa’e irrattis hirmaatanii jru.Foramicha irratti hammi daldala biyyoota lamaan jiddutti geggeeffamaa jiru waggaatti Doolara miiliyoona 8 qofa akka tahee fi hamma daldalaa kana yeroo gabaabaa keessatti ol guddisuuf xiyyeeffannoodhaan kan hojjatan tahuu beeksisan.

 

Jilli prezdaant Uhuuruu kun kaleessa Dr Abiy Ahmad waliin gara naannoo Kibbaatti imaluun Paarkii Indaastrii Hawaasaa daaw’atee jira. Guyyaa har’aatis magaalaa Arbaa Minci eegaa daaw’atanii booda, gara naannoo Amaaraa Godina Shawaa Kaabaatti imaluun Paarkii Indaastirii Dabra Birhaan eebbisiisanii jiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button