Prezdaantiin Suudaan dubartoonni mormii biyyattii keessatti geggeeffamaa jiru hordofuun hidhaman hundi akka gad lakkifaman ajajuu gabaafame
Prezdaant Umar Al-Bashiir Jum’aa kaleessaa bakka buutota ummataa baha biyyattii irraa dhufan waliin Khaartuum keessatti marii geggeesse irratti, dubartoonni mormii biyyattii keessatti ka’e hordofuun hidhaman hundi akka gad lakkifaman jechuun, hogganaa basaasaa fi nageenya Suudaan Salah Ghoshiif ajaja kan dabarse tahuu ibsi waajjira prezdaantichaa irraa bahe ni addeessa.
Mootummaan lakkoofsa dubartoota kanneenii kan hin ibsin yoo tahu, aktiivistoonni biyyattii eega December dabre mormiin ummataa kahee asitti, guutuu biyyattii keessatti yoo xiqqaate dubartoonni 150 ol kan hidhaman tahuu himan.
Al-Bashiir mormii isarratti ka’e dhaabsisuuf torbaan lama dura labsii yeroo muddamaa waggaa tokko turu labsuun, mootummaan federaalaa fi naannoolee diigee biyyattii to’annaa mana marii prezdaantichaan hogganamu jalatti kan deebise tahus, ammas nannolee muraasa keessatti mormiin kan itti fufe tahuu odeeyfannoon ni ibsa.