header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwustraaliyaaOdeeyfannoo

Muummittiin ministeera Niiw Ziilaand Azaanni Jum’aa dhufuu  Raadiyoo fi Televizhiinaan akka dabru ajaja dabarsite

Haleellaa Jum’aa dabre Niiw Zilaand keessatti shororkeessaan ol’aatummaa warra adii leellisu masjiidota lama irratti raawwateen muslimoota 50 ajjeefamanii 40 ol ammoo kan madaayan yoo tahu, kanuma hordofuun mootummaan Niiw Ziilaand muslimoota biyyattii jajjabeessuuf sochii bal’aa kan godhaa ture tahu gabaafame. Keessumattuu hoggansi fi murtiiwwan muummittiin ministeeraa biyyattii Jasinda Arden dabarsite addunyaa guutuu irraa dinqisiifannaa argatee jira.

Miss Jasinda Arden akkuma haleellaan sun raawwatameen gara masjiidotaa fi maatiiwwan namoonni jalaa ajjeefamanii imaluun kan jajjaabeessite yoo tahu, mootummaan hanga dhumaatti hawaasa muslimaa guutuu fi maatiiwwan namoota balaa kanaan du’anii hunda kan gargaaru tahuu waadaa galte. Dabalataanis lammiileen Niiw Ziilaand hundi hawaasa muslimaa cinaa dhaabbachuun akka jajjabeessu waamicha dabarsite.

Kanuma hordofuun lammiileen biyyattii hawaasa muslimaa cinaa dhaabbachuun kan jajjabeessaa jiran tahuu odeeyfannoon arganne ni addeessa.

Guyyaa kaleessaa ammoo kallattii muummittiin ministeeraa keetteen Paarlaamaan biyyattii yeroo jalqabatiif Qur’aanaan banamee jira. Miss Arden haasaya miseensota paarlaamaatiif gooteen, too’annaa meeshaa waraanaa cimsuuf wixineen seeraa kan qophaayaa jiru tahuu himte.

Muummittiin ministeeraa Jasinda Arden har’a ibsa kenniteen ammoo,   Jum’aa dhuftu March 23/2019  sirni  yaadannoo muslimoota ajjeefamanii kan geggeeffamu  tahuu ibsuun, Azaanni Raadiyoo fi Televizhiinaan akka dabru ajaja dabarsite. Dabalataanis dubartoonni biyyattii hundi hijaaba uffachuun kabajaa muslimootaaf qaban akka ibsatan waamicha goote.

 

 

11 Comments

  1. MaashallaAllah waan baayyee namatti toluudha
    warra lubbuu jaraa dhaban Rabbiin jannata ol’aanan jara ha gammachiisu
    Jesinda Ardern fi biyyattii gutuu Rabbiin shahadaa ha kennuufi

  2. 0505942945
    MashaAllaahii bayyeegaarii jezaa ishiirabbiin hakaaffaalufii warrootaa wareegaamaniilleen jannaataanii rabbii haabadhasutii

  3. Baayyee gaariidhaa kun lammiiwwan Amantaa muslimaa hordofan maraaf hamilee guddaadha jedhen abdadha haalli kun utuu biyyoota hunda keessatti itti fufee gaariidha amantaa muslimaa baballisuu keessattis shoora guddaadha

  4. maashaa allahaa maashaa allahaa waan baay’ee nama gammachisu rabbiin haaqa musulimaa ifaati basee

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button