header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Hamaas fi Israa’el Guyyaa afuriif waraana dhaabuuf walii galan

Olmaya Falasxiin November 22,2023

Haleellaa fi wal waraansa guyyoota 47tiin booda Hamaas fi Israa’el waraana guyyoota muraasaaf dhaabuuf walii galaniiru. Jaarsummaa Qaxar fi Masriin geggeeffamaa kan ture yaadni yeroofis taatu waraana dhaabuu jedhu guyyaa kaleessaa walii galameera. Waraanni kun guyyaa afuriif kan dhaabbatu yoo ta’u, marii guyyoota itti aanan keessatti godhamurratti hundaa’ee guyyaan isaa dheeratuu danda’a. Israa’el garuu waraana guututti dhaabuu fedha hin qabdu.

Akkaataa walii galtee waraana yeroof dhaabuu Kanaan, gamni lachuu guyyaa boruu khamisa November 23 irraa kaasee waraana walirratti banaa jiru ni dhaaba. Makiinaawwanii fi xayyaaronni Israa’eliis sosochii Gazzaa keessatti taasisaa jiran ni dhaabu. Hamaas guyyaa jalqabaa hidhamtoota Israa’el dubartootaa fi ijoollee umriin isaanii 19 gad ta’an 50 gad lakkisa. Israa’elis gama isiitiin hidhamtootaa Falasxiin dubartootaa fi ijoollee umriin isaanii 19 gad ta’an 150 gad lakkisti. Hidhamtoota guyyaa jalqabaa gad lakkifaman dabalatee Falasxiinonni 300 ta’an ni hiikkamu jedhamee eeggama. Garee Hamaas keessaa tokko kan ta’e Islamic Jihad akka ibsetti loltoonni Israa’el kan booji’amanii jiran gad hin lakkifaman jedheera.

Michuuwwan Israa’el waraana dhaabamaa jiru kanatti gammachuu hin qaban. Guyyaa afuriif waraana dhaabuun maqaa Israa’el xureessa. Gaazexeessitoonni gara eddoo haleellaan raawwatamee seenuudhaan suuraawwan suukanneessaa ta’an addunyatti garsiisuu danda’an. Kun ammoo Israa’eliif gaarii miti jechuun murtee Israa’el irra geette balaaleeffataniiru. Haa ta’u malee waraanni kun guutumaan guututti akka hin dhaabbanne muummichi Ministeeraa Israa’el Benyaamin Netaniyaahuu dubbateera. Hamaas Gazzaa keessaa baasnu malee waraanni kun hin dhaabbatu jedhe.

Falasxiinonni Kaaba Gazzaa keessatti argaman bilisaan karaa Salahaddiin fayyadamanii gara kibbaa akka baqatan ni hayyamama. Makiinaawwan gargaarsa namoomaa fe’an dabalatee gaazni gara Gazzaa hedduminaan akka seenu ni hayyamama. Haala Kanaan ummata Falasxiiniif guyyaa afuriif boqonnaa kennuudhaaf walii galaniiru.

Israa’el guyyaa takkittii qabdu kana haala hammaataa ta’een itti fayyadamaa jirti. Haleellaan raawwataa jirtus haalaan hammaateera. Naannawa Khaan Yuunis fi Kaampii baqattoota Nuseeriyaat keessattis ganama harraa haleellaan cimaan raawwatameera. Gama kaabaattis Hospitaala Indoneezhiyaa fi Hospitaala Kamaal Adamaan cinatti haleellaan raawwatameera. Haleellaa Kanaan Ambulaasoonni barbadeeffamaniiru. Kaampiin baqattoota Jabaliyaatis bifa addaatiin haleelamuun isaa gabaafameera. Haga ammaatti lakkoofsi ifatti himamuu baatus Falasxiinonni hedduun ajjeefamuun isaanii himameera. Haga ammaattis Falasxiinonni 2000 ta’an achi buuteen isaanii dhabameera.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button