header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Israa’el loltoota dabalataa heddu daangaa Gazzaa irra kan qubsiiste tahuu gabaafame

Lammiileen Falasxiin mirga gara dachii Israa’el humnaan irraa isaan buqqifteetti deebi’uu gaafachuun, akkasumas uggurri waggoota 12 ol Gazzaa irra ture akka ka’u jechuun March 30/2018 irraa jalqabee mormii geggeessaa jiran. Haaluma kanaan waggaa tokkoffaa mormii kanaa sababeefachuun Falasxiinonni Sabtii dhuftuuf Gazzaa keessatti mormii guddaa kan yaaman yoo tahu, Israa’el mormii Falasxiinotaa kana ukkaamsuuf waraana dabalataa taankiin deeggarame daangaa Gazzaa irra kan qubsiifte tahuu gabaafame.

 

Israa’el mormii kanaan wal qabatee waggaa tokko keessatti Falasxiinota 250 ol ajjeessuun,  kanneen kumaatamaan lakkaahaman ammoo kan madeessite tahuu odeeyfannoon ni ibsa.

 

Gama biraatiin ammoo haleellaa Isniina dheengaddaa irraa jalqabee Israa’el Gazzaa irratti raawwataa jirtuun, manneen jireenyaa 500 ol kan barbadaayan tahu bulchiinsi Falasxiin beeksise. Dabalataanis lammiileen Falasxiin 10 ol haleellaa kanaan kan madaayan tahuu ibsame. Haaluma wal fakkaatuun, loltoonni Israa’el Arba’aa har’aa West Bank fi Alquds kessattis Falasxiinota harka qullaa mormii geggeessaa turan irratti dhukaasuun,  namoota heddu kan madeessan tahuu beekameera.

Gazzaa2

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button