header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii walitti bu’iinsi Liibiyaa keessatti hammaataa dhufe yaaddeessaa tahuu beeksise

Hidhattoonni “Waraana Biyyoolessa Liibiya”jechuun of moggaasan kan Jeneraal Khaliifaa Haftaariin hogganaman, dhiheenya kana magaalaa Tripoolii too’achuuf duula jalqabaniin, hidhattoota mootummaa biyyattii beekkamtii UN qabu deeggaran waliin lola hamaa keessa galanii jiru.

 

Walitti bu’iinsa gareewwan hidhattoota Liibiyaa  jiddutti hammaataa dhufe kana furuudhaaf, barreessaan UN Antooniyoo Gutaarees gara biyyattii imaluun carraaqqiin godhaa ture kan hin milkaayin tahuu gabaafame. Kanuma hordofuun dhaabbata mootummoota gamtoomanitti manni mare nageenyaa wal gahii ariifachiisaa geggeesseen,  gareen hidhattoota Jeneraal Khaliifaa Haftaar duula Tripoolii too’achuuf jalqabe hatattamaan akka dhaabu akeekkachiise. Haaluma wal fakkaatuun gareen hundinuu sochii waraanaa akka hin geggeessine waamicha dabarse.

 

Liibiyaan yeroo ammaa  mootummaa beekkamtii UN qabu kan magaalaa Triipoolii maandheffatee fi  garee miseensota Paarlaamaa magaalaa Tobruk jedhamtu keessa mandheffateen bulaa jirti. Humnoota lamaan gurguddoo Liibiyaa bulchaa jiraniin alattis gareewwan hidhattootaa  heddu naannawa adda addaa kan too’atan yoo tahu, qabeenya boba’aa fi buufataalee doonii too’achuudhaaf wal dorggommii godhaniin biyyattiin dirree jeequmsaa taatee jirti.

lola Liibiyaa11

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button