header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Biiroon Bulchiinsaa fi Nageenya Oromiyaa, tarkaanfii hawaasni Muslimaa godina Harargee Bahaa Majliisa seeraan alaa irratti fudhate hordofuun xalayaa akeekkachiisaa barreese

Hawaasni muslimaa waltajjiiwwan gara garaa irratti Mummicha ministeraa irraa hanga qondaaltota sadarkaa gadii jiraniif, hoggantoota isaa filatuu akka danda’u deeggarsa barbaachisu mootummaa gaafatus hin milkoofne.  Mootummaan yeroo dheeraaf dhimma amantaa keessa hin seenu jedhaa ture. Hawaasni muslimaatis gaaffii mirgaa waggaa dheeraaf gaafataa jiruuf deebisaa tokkollee dhabuu irraa kan ka’e mirga isaa kabajsiisuu itti fufee jira.

 

Haaluma kanaan torbee dabre keessaa godina Harargee Bahaatti ummanni hoggantoota isaa kan filate yoo tahu,  kanuma hordofuun Biiroon Bulchiinsa fi Nageenya Oromiyaa xalayaa gaafa Ebla 8/2019 Waajira Bulchiinsa godina Harargee bahaatiif barreessseen, tarkanfii hawaasni muslimaa hoggantoota isaa filate kana balaaleffatuun, waajjirri bulchiinsa godinichaa murtii ummataa kana akka dhaabsisu akeekkachiise.

 

Mootummaan gama tokkoon ummanni dhimma amantaa isaa ofumaa akka fixatu  jedhus, gama birootiin ammoo ummata hoggantoota isaa bakka buufataa jiru dhaabsissuf akeekkachiisuun kan heera biyyattii faallessu tahu mul’isa.

Xalayaa BBNO.jpg

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button