header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Manni Marii Waraana Suudaan fi Paartiileen Siyaasa biyyattii marii addaan kutanii turan jalqabuuf kan walii galan tahuu beeksisan

Waraanni Suudaan March11/2019 prezdaant Umar Hasan Al-Bashiir taayitaa irraa fonqolchuun, hanga filannoon geggeeffamutti mana marii waraanaa waggaa lamaaf biyya bulchu hundeessuu labsee ture. Haata’u malee lammiileen biyyattii labsii kana mormuun waraanni aangoo biyya bulchuu humnaan qabate, mootummaa ce’umsaa siviilotaan hogganamuuf dabarsee akka kennuu gaafataa turan.

 

Haaluma kanaan manni marii waraana Suudaan fi gamtaan paartiilee mormitootaa marii geggeessaniin, mootummaa ce’umsaa qaamota hunda hammate hundeessuuf  walii galan. Haata’u malee Waraanni Suudaan mana marii mootummaa ce’umsaa hundaayu keessatti gaheen ol’aanaan akka kennamuuf gaaffii kan dhiheesse yoo tahu,  gamtaan mormitootaa yaada waraana biyyattii kana diduu isaa hordofuun marichi torbee dabre addaan citee ture.

 

Manni marii waraana Suudaan ibsa sabtii kaleessaa baaseen ammoo, “daandiileen mormitootaan cufaman akka banamanii fi mariin mootummaa cehumsaa hundeessuuf gamtaa mormitoota waliin geggeeffamaa ture Alhada, May 19, 2019 akka itti fufu murteeffamee jira”jedhe.

 

Torbee dabre mormitoonni daandiilee magaalaa Khaartuum cufuun manni marii waraanaa gara mariitti akka deebi’u gaafataa turan. Waraanni biyyattii ammoo daandiilee cufaman banuuf tarkaanfii humnaa fudhateen, yoo xiqqaate namoonni 4 kan ajjeeffaman tahuun beekamee jira.

 

 

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button