Sagantaa Ifxaaraa Manni Marii dhimmoota Islaamaa Ityoophiyaa guyyaa hardhaa galma barkumeetti qopheesse irratti, Ulamaa’onni gurguddoon biyya keenyaa, qondaaltonni mootummaa,dippiloomaatonni biyyoota gara garaatii fi hawaasni muslimaa lakkoofsaan guddaa ta’e irratti hirmaatee jira.
Related Posts
Muummichi Ministeeraa Dr Abiy Ahmad sagantaa Ifxaaraa kana irratti argamuun haasaya kan godhe yoo tahu, Baankiin Islaamaa biyyaatti keessatti akka hundeeffamu deeggarsa mootummaa irraa barbaachisu hunda godhuuf waadaa gale.