header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Waraanni Ityoophiyaa Xiyyaara Keeniyaa dogongoraan rukutuu amane

Gamtaa Afrikaatti humni nageenyaa Kabachisuuf Somaaliyaa keessatti argamu AMISOM akka beeksisetti, Waraanni Ityoophiyaa dogongoraan Xiyyaara Keeniyaa rukutuu beeksise. AMISOM ibsa isaa kanaan, gareen waraana Ityoophiyaa xiyyaaricha rukute kun qaama AMISOM akka hin tahinis hime.
Dhaabbanni Tajaajila Odeeyfannoo Somaaliyaa Wixata dabre akka gabaasetti, Xiyyaarri dhaabbata Keeniyaa African Express Airways jedhamuu kun, jalqaba magaalaa Maqdishoo irraa gara Baaydawaa eega imalee booda, dhumarratti magaalaa Bardale keessa qubachuuf osoo yaalu kufuu beeksisee ture.

Xiyyaarri meeshaa tajaajila fayyaa kanneen to’annoo dhibee vaayirasii koroonaatiif oolu fe’atee ture kana keessa, Paayleetii fi gargaaraa isaa lammiilee Keeniyaa tahan dabalatee namoonni jahan xiyyaaricha keessa turan hundi du’uu gabaasuun keenna ni yaadatama.

Dubbi himaan waraana Ityoophiyaa humna nageenyaa Gamtaa Afrikaa bakka bu’uun naannawa magaalota Baaydawaa fi Bardale keessa jiruu, jalqaba “dhimma xiyyaara kufee kana quba hin qabnu”jechuun waakkate. Haata’u malee mootummaan Keeniyaa Gamtaan Afrikaa fi Somaaliyaan balaa kana akka qoratan eega gaafatee booda, waraanni Ityoophiyaa Somaaliyatti argamu xiyyaaricha dogongoraan rukutuu beeksise.

AMISOM’tti Qindeessaan dame “three force”jedhamuu Komandar Alamu Ayyaanee, “loltoonni xiyyaaricha rukutan sagantaa imala Xiyyaarichaa quba hin qaban ture; haaluma kanaan loltoonni naannicha eegan Xiyyaarichi kan garee shororkeessitoota tahuu mala shakkii jedhuun rukutan”jechuu isaa BBC’n gabaase.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button