Lakkoofsi namoota dhibee Koleeraatiin qabamanii dabalaa jiraatuu ibsame

Naannolee biyyattii 4 fi magaalaa Finfinnee keessatti namoonni 614 dhibee koleeratiin qabamuu Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa beeksise. Daayrektarri olaanaa inistiitiyuutichaa Dr. Bayyanaa Mogas akka ibsetti, Koleeraan naannolee Amaaraa, Oromiyaa, Tigraay, Somaalee fi magaalaa Finfinnee keessatti bal’inaan tamsa’aa jira jedhe.
Naannoo Oromiyaa godina Harargee Lixaa aanaalee 5, godina addaa naannawa Finfinnee magaalaa Sandaafaa keessatti kan hammaate yoo tahu, walii galaatti naannoo Oromiyaa keessatti namoonni 294 dhibee kanaan kan qabaman tahuu ibsame. Naannoo Amaaraatti ammoo namoonni 198 koleeradhaan kan qabaman yoo ta’u, namoonni 14 du’uu odeeyfannoon ni ibsa.
Haaluma wal fakkaatuun naannoo Somaalee keessa namoonni 33, Tigraayitti 18, Magaalaa Finfinnee kutaalee bulchiinsa magaalaatti sagal keessatti namoonni 70 dhibee kanaan qabamanii jiru.
251961889258
laa illaha ilallaatii maganfana
yaa dhiba kana iraa nu bararu yaa Alhaa