header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaKoroonaaOdeeyfannoo

Ardii Afrikaa keessatti lakkoofsi namoota Vaayirasii koroonaatiin qabamanii 80,000 dabre

Wiirtuun To’annoo Dhibee Afrikaa, Africa CDC jedhamu gabaasa har’a May 17, 2020 baaseen, biyyoonni miseensa Gamtaa Afrikaa hundinuu namoonni Vaayirasichaan qabaman biyya isaanii keessatti argamuu kan gabaasan tahuu ibsuun, walumaa galatti hanga Alhada har’aatti Ardii Afrikaa keessatti lakkoofsi namoota Vaayirasii koroonaatiin qabamuun mirkanaahe 81,307 tahuu beeksise. Lakkofsi namoota sababa Vaayirasichaa du’an ammoo 2,704 kan gahe yoo tahu, namoonni 31,078 dhibee kanarraa bayyanatuu gabaafame. Haata’u malee lakkoofsi kun dabaluu gabaasaaleen boodarra bahan ni addeessu.
Tamsa’ini vaayirasichaa akkuma kanaan duraa walduraa duubaan Kaaba Afrikaa fi Lixa Afrikaa keessatti kan hammaate yoo tahu, haaluma kanaan Masri, Morokoo fi Aljeeriyaa dabalatee biyyoota Kaaba Afrikaa keessatti namoonni 26,400, Lixa Afrikaa keessatti namoonni 23,600, Kibba Afrikaa keessatti namoonni 15,500, Baha Afrikaa keessatti namoonni 8,100, akkasumas naannawa Jiddu Galeessa Afrikaa keessatti ammoo namoonni 7,705 vaayirasichaan qabamuu gabaasni Africa CDC ni mul’isa.

Akka gabaasa kanaatti, Afrikaa Kibbaa keessatti namoota 14,300 vaayirasichi irratti argamuu gabaafame jidduu 261 kan du’an yoo tahu, Masri keessatti ammoo namoota 11,700 vaayirasii koroonaatiin qabamuu mirkanaahe jidduu 612 du’uu ibsame.

Torbaan lamaan dabran keessa naannawa Baha Afrikaa keessatti weerarri vaayirasichaa haala hamaa taheen babal’ataa akka dhufeefi, haaluma kanaan hanga guyyaa har’aatti lakkoofsi namoota biyyoota kanneen keessatti vaayirasichaan qabamanii: Suudaan 2,289 , Somaaliyaa 1,357, Jibuutii 1,331, Keeniyaa 830, Ityoophiyaa 317 kan dhaqqabe tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Gama biraatiin ammoo Eritraan namoonni 39 kanaan dura Vaayirasichaan qabamanii turan hundi akka fayyaniifi, yeroo ammoo biyyattii keessatti namni Dhibee COVID-19 haarayatti qabame kan hin jirre tahuu Sabtii kaleessaa beeksiste.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button