Bidruun baqattoota fe’atte waliin galaana irratti ugguramtee turte Xaaliyaan seente
Dhaabbannii baqattoota gargaaru kan Mediterranean Serving Human jedhamuun beekamu, Khamiisa dabre Bidiruun dhaabbatichaa baqattoota 54 kanneen balaa galaana Medtiraaniyaan irratti muudate jalaa baraaraman fe’attee gara Xaaliyaan seenuuf kan yaalte tahus qondaaltonni biyyattii dhoorkuu beeksisee ture. Haaluma kanaan bidiruun baqattoota balaa irraa baraaraman fe’atte tun guyyaa lamaaf qarqara Xaaliyaan galaana irra kan turte yoo tahu, kaleessa mootummaan xaaliyaan baqattoonni bidiruu irraa akka bu’an kan hayyame tahuun beekamee jira.
Xaaliyaan baqattoota seeraan ala Liibiyaa irraa meeditraaniyaan qaxxaamuruun gara Awrooppaa seenan keessummeessaa kan turte tahus, yeroo dhihoo asitti garuu bidiruuwwan lubbuu baraaranitti buufata cufuun, baqattoonni seeraan alaa haala kamiinuu gara biyya isii akka hin seenne ugguraa jirti.
Bara 2019 keessa qofa namoonni 618 seeraan ala Liibiyaa irraa gara Awrooppaatti ce’uuf osoo yaalan, Galaana Medtiraniyaan keessatti dhidhimuun kan du’an tahuu gabaasni Dhaabata Godaantota Addunyaa (IOM) ni mul’isa.