header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Qormaanni biyyoolessaa kutaa 10ffaa bara kana irraa jalqabee kan hin kennamne tahuu ibsame

Ejensiin Madaallii fi Qormaata Biyyoolessaa akka ibsetti, qormaanni sadarkaa biyyoolessaatti kanaan dura kutaa 10ffaatti kennamaa ture, bara kana irraa jalqabee kan hafe tahuu ibsuun, qormaanni xumura barnoota sdarkaa lammaaffaa bara 2012 irraa eegalee kutaa 12ffaa qofatti kan kennamu tahuu beeksise.

Dayirektarri ejensichaa Obbo Ar’ayaa Gabragzaabiheer ETV’f ibsa kenneen, kana booda qormaanni biyyoolessaa kutaa 12ffaa qofatti kan kennamu tahuu, maatiin barattootaa fi manneen barnootaatis beekuu qaban jedhe

Obbo Ar’aayaan akka jedhetti, Ejensichi qormaanni kutaa 10ffaa hafuu Biiroo Barnoota Naannolee hundaaf dursee kan beeksise akka taheefi, haa ta’u malee manneen barnootaa tokko tokko qormaata biyyoolessaa kutaa 10ffaatiif barattoota kan qopheessaa jiran tahuu odeeyfannoo argachuu ibse. Haaluma kanaan manneen barnootaa biyyattii keessa jiran hundi barattoota kutaa 10ffaa qormaata idilee qofaan kan madaalan tahuu hubatanii, karoora isaanii akka sirreeffatan hubachiise.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button