header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Imaltoota Hajjiitiif Sagantaan Geggeessaa godhame.

Sagantaa Geggeessaa kana irratti Ityoophiyaatti Ambaasaaddara mootummaa Sa’udii fi Prezidaantiin mana marii dhimmoota Islaamaa Ityoophiyaa argamanii jiran.
Prezidantiin Mana Marii Dhimmoota Islaamaa Ityoophiyaa Muftii Haaji Umar Idriis qaamolee imalli Hajjii baranaa milka’iinan akka geggeeffamuuf  hala mijjeesan galatoomfatan.
Akkasumas lakkoofsi Hujjaajota mootummaa Sa’udii irraa Ityoophiyaaf hayyamame kuma 10,000 tahuu fi imaltoonni galmaawan ammoo kuma 18,000 tti kan siqan tahuu himan. Kanaaf mootummaan Saudii lakkoofsa Hujjaajotaa akka dabalu gaafata jiran.
Ityoophiyaatti Ambaasaadara mootummaa Sa’udii kan tahe Saamii Abdullah, gaaffii lakkoofsi Hujjaajotaa akka dabalamu mootummaa Sa’udiif dhiyaate hayyamsiisuuf yaaliin godhamaa jiraachuu dubbate.
Gama mootummaa Sa’udii irraa lammiilee Ityoophiyaa rakkoon tokkolleen akka hin mudanneef qophiin godhamaa jiraachuus ibse.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button