header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Balaa lolaa Kibba Eeshiyaatti muudateen yoo xiqqaate lubbuun namoota 100 darbe

Rooba cimaa kibba Eeshiyaa kessatti roobaa jiru hordofuun, balaa lolaa Indiyaa, Neppaal, Baangilaadhishi fi Paakistaan keessatti muudateen namoonni 100 ol kan du’an yoo tahu, ummanni miiliyoona 6 ta’u ammoo qe’ee fi qabeenya  irraa kan buqqa’e tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

 

Balaa lolaa kanaan Neeppal hunda caalaa kan miidhamte tahuufi, bu’uuraaleen misooma kanneen akka daandii, Sarara elektrikaa, manneen jireenyaa fi laffeen qonnaa kan barbadaayan tahuus ibsame.

 

Baangiladhish naannawa Cox Bizar jedhamu keessatti ammoo kaampileen baqattoonni Rohingiyaa miiliyona tokkoo ol keessa qubatan miidhamanii jiru. Haaluma kanaan manneen leemmanii 5000 tahan kanneen baqattoonni  keessa qubatan,  guutumaan guututti barbadaayuu Dhaabbanni Godaantota Addunyaa IOM beeksise.

 

Indiyaa keessattis laggeen guutuun gandoonni heddu kan liqimfaman tahuun beekamee jira. Haaluma wal fakkaatuun Paakistaan naannoo Kaashmiir keessattis lolaa naannichatti hammaataa dhufe kanaan namoonni 18 kan du’an tahuu odeeyfannoon ni mul’isa.

 

Balaan akkanaa kanaan duras naannicha yeroo heddu kan muudatu yoo tahu, keessumattu bara  2017 balaa wal fakkaatuun lubbuun namoota 800 ol kan dabre tahuu Rooytarsi gabaase.

Kibba Eeshiyaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button