header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Hoggantoonni Siyaasa Suudaan Kibbaa mootummaa gamtaa hundeessuuf kan walii galan tahuu beeksisan

Prezdaantiin Suudaan Kibbaa Salvaa Kiir Mayaard fi hogganaan riphxee loltootaa Riik Machaar kaleessaa magaalaa Jubaa keessatti walii galtee nageenyaa mallatteessanii jiru. Prezdaant Salvaa Kiir miidiyaaleef ibsa kenneen, “biyyattii keesstti nageenya buusuuf jecha qabxiilee walii galtee kanaan duraa hunda saffisaan hojii irra ni oolchina; lammiilee sababa walitti bu’iinsaatiin qe’ee isaanii irraa buqqa’aniif deeggarsi namoomaa akka kennamuuf haala ni mijeessina”jechuu isaa gaazexaan Sudan Tribune gabaase.

Salvaa Kiir ibsa isaa kanaan ”Guyyaa 100 keessatti mootummaa gamtaa ijaaruuf walii galle; haata’u malee raawwiin walii galtee kun yoo kan hin xumuramne ta’e ammoo, mootummaa ce’uumsaa waloo ijaaruun dhimmoota hin furamin sana booda ni furra jennee walii galle” jedhe. Haaluma kanaan hojiin mootummaan ce’umsaa hanga Ammajjii dhuftuutti ni xumurama jedhamee eeggama.
Hoggantoonni siyaasa biyyatti gama lamaanii kana booda fedhii waraanatti deebi’uu kan hin qabaanne akka taheefi, walii galteen waraana dhaabuu aammas kan itti fufu tahuu ibsan.
Itti aanaan Prezdaantii duraanii fi hoogganaan garee mormituu Riik Machaar gama isaatiin, “waliigaltee irra gahame saffisaan hojitti hiikuuf loltoonni gara kaampiitti galanii leenjii eega fudhatanii booda, waraana biyyaalessaa haarayatti ijaaruuf walii gallee jirra”jedhe.

Adeemsi mootummaa gamtaa hundeessuu kun sadaasa darbe xumuramuun kan irra ture tahus, gareen Machaar mootummaa Salvaa Kiir irraa shakkii kan qabu tahuu ibsuu isaa hordofuun, adeemsichi duubatti kan harkifate tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

suudaan kibbaa1

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button