header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Manni Marii Naannoo Amaaraa Muudama Prezdaantii Naannichaa raggaasise

Koreen Jiddu Galeessaa Paartii Dimokraatawaa Amaaraa (ADP) wal gahii torbee dabre geggeesseen,  Obbo Tamasgen Xiruneh taayitaa Prezdaantii naannichaatiif kan kaadhime tahuun ni beekama.

Haaluma kanaan Manni Marii Mootummaa Naannoo Amaaraa guyyaa har’a muudama Prezdaantichaa kana raggaasisee jira.

Obbo Tamasgen muudama booda miseensota Mana Maree fi ummataa naannoo Amaaraatiif ergaa dabarseen, gaaffiwwan eenyummaa fi daangaa sababa walitti bu’iinsaa osoo hin taane, akkaataa heera mootummaatiin deebi’uu qabu jedhe. Prezdaantichi haasaya isaa keessatti “olaantummaa seeraa kabajsiisuun dhimma borutti dabarsinuu miti”jechuun ummanni naannicha akka mootummaa cinaa hiriiru dhaame.

 

2 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button