header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

 Iiraan namoota 17 Ejensiin Basaasa Ameerikaa CIA’n leenjisee biyattii keessa bobbaase qabuu beeksiste

Qondaaltonni tika Iiraan ibsa kennaniin, namoonni shakkamanii qabaman hundinuu lammiile Iiraan yoo ta’an, waa’ee niwkilara biyyattii, iccitii humna  waraanaa fi seektaroota biroo irraa odeeffannoo walitti qabanii Ameerikaaf osoo dabarsan kan  qabaman tahuu beeksisan.

 

Namoonni CIA osoo hojjatan qabaman kunniin dhaabbata Niwkilaraa fi humna waraanaa Iiraan dabalatee, sektaroota mootummaa keessatti qaxaramanii osoo hojjataa jiran bara kana warra too’annaa jala oolfaman akka taheefi, muraasa isaanii irratti murtiin du’aa kan dabre tahuu ibsame.

 

Ibsa Iiraan kana hordofuun  Traamp Yaada kenneen ” Iraan waliin walii galuun nutti ulfaataa jira” jedhe. Bulchiinsi Traamp walii galtee niwkilaara Iiraan eega diigee booda,  Waashingitan fi Tehraan jiddutti walitti gaarrifannaan hammaataa dhufuun, dhiheenya kana sadarkaa waraanaa wal barbaadutti ol guddatee jira.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button