AfrikaaOdeeyfannoo
Baqattoonni 150 ol galaanaa Medtiraaniyaan keessatti dhumuu gabaafame

Bidiruun baqattoota seeraan alaa fe’attee gara Awrooppaa cehuuf yaalaa turte galaana Medtiraaniyaan irratti caccabuun, yoo xiqqaate baqattoonni 150 galaanaan nyaatamuu Dhaabbanni Godaantota Aduunyaa IOM beeksiise. Baqattoonni kunniin Liibiyaa magaalaa Kooms jedhamtu irraa kan kahan tahuus odeeyfannoon ni addeessa.
Namoota balaa kanaan achi buuteen isaanii dhabameen alattis, baqattonni 150 immoo namoota qurxummii qabaa turaniin baraaramanii, waardiyyoota galaanaatiin gara Liibiyaatti deebifamuu ibsame.
rabbi rahmata haa gidhuuf