header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo Biyyaa

Bidiruun Namoota 18 fe’attee laga Awaash cehaa turte dhidhimuun namoota 6 achi buuteen dhabame

Balaa kanaan hanga ammaatti reeffi nama tokkoo kan argame akka tahee fi namoonni 11 ammoo miidhaan cimaan isaan irra osoo hin gahin nagahaan bahanii jiru. Balaan kun Sabtii kaleessaa Aanaa Adaamaa nannawa magaalaa Wanjiittii kan muudate akka tahe gabaasni arganne ni mul’isa.

Itti gaafatamaan damee kominikeeshinii qajeelcha poolisii godina Shawaa Bahaa komaandar Aschaaloo Alamuu BBCf akka himetti, sababni balaa kanaa bidiruun mukaa fi Barmeela irraa tolfamte shiboon ittiin harkisan cituun balaan kun uumame jedhe.

Barbaachi namoota dhabamanii kan itti fufe tahuun beekameera.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button