header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Paakistaan labsii Indiyaan bulchiinsa Kaashimiir diiguuf baaste balaaleffatte

Mootummaan Indiyaa Wixata kaleessaa irraa jalqabee mirga addaa ofiin of-bulchuu Kutaa Bulchiinsa Kaashimiir haquun, naannicha guututti too’annaa  mootummaa jiddu galeessaa jalatti deebisuu labse. Indiyaan labsii kanaan bulchiinsi Kaashimiir naannawa lamatti kan adda bahu tahuus ibsite.

 

Labsii Indiyaa kana biyya keessaa fi guutuu addunyaa irraa mormiin cimaan kan muudate yoo tahu, Paakistaan labsii indiyaa kana, duguuggaa Sanyii ummata Kaashimiir irratti labsame,  akkasumas murtii nageenya naannichaa booressu jechuun balaaleffattte.  Ministeerri haajaa alaa Paakistaan Xalaayaa UN’f barreessen, Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii labsii indiyaa kana akka balaaleffatu, akkasumas komishiina addaa hundeessuun sarbamiinsa mirgaa dhala namaa  Indiyaan Kaashimiir keessatti raawwataa jirtu akka qoratu gaafate.

 

Haaluma wal fakkaatuun muummichi ministeera Paakistaan Imraan Khan dhimma Kaashimiir irratti, Prezdaant Rajab Xayyib Erdogaan fi muummicha ministeera Maleezhiyaa Dr. Mahtiir Muhammad dabalatee,  hoggantoota biyyoota Islaama waliin kan mari’ate tahuu ibsame.  Ibsi Waajjira muummicha ministeera biyyattii irraa bahe akka mul’isutti, Imaraan Khan seera idil addunyaa cabsuun gocha seeraan alaa indiyaan Kashmiir irratti raawwataa jirtu kana,  biyyoonni Islaamaa hundi akka dura dhaabbatan waamicha godhe. Itti dabaluudhaanis Paakistaan qabsoo haqaa ummanni Kaashimiir geggeessu gama hundaan deegguruu kan itti fuftu tahuu ibse.

 

Paakistaan bara 1947 Indiyaa irraa eega fottoqxee booda, naannoon Kaashimiir humnaan bakka lamatti kan qoodame yoo tahu, ummanni Kaashimiir gama lamaan jiru, Paakistaan waliin walitti makamuu yookaan ammoo biyya Kaashimiir walaba taate hundeefachuuf kan falmataa jiru tahuu ni beekama. Biyyoonni lamaan waggaa 70 keessatti  dhimma Kaashimiir irratti yeroo sadi lola hamaa geggeessanii jiru.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button