header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Barattoonni Muslimaa Sababa Jilbaaba Hidhamanii turan lakkifaman

Godina Jimmaa magaalaa Limmuu Gannatitti barattoonni muslimaa, mana barumsa sadarkaa lammaffaa, sababa Jilbaaba baasne hin barannu jedhaniif poolisootaan reebamuu fi barattoonni 11 immoo hidhamuu gabaasne ture, tarkaanfiin barattoota irratti fudhatame kun hawaasa muslimaa dallansiise jira.

Tarkaanfii barattoota irratti fudhatame kana akka qoratuuf bulchiinsi godinaa Koree kan hundeesse yoo tahu, Koreen kun guyyaa kaleessaa hawaasa muslimaa waliin mari’aatun, tarkaanfiin fudhatame seeraa ala tahuu fi barattoonni jilbaaba uffatanii akka, barataan, akkasumas barattoonni hidhaman akka lakkifamanii fi qaamoleen shira kana xaxan akka seeraan gaafataman walii galuu namni garasii dubbisne nuu hime.

Akka namni kun jedheeti
“Barattoonni Hidhamanii turan guyyaa har’aa hidhaa irraa lakkifamanii jiru”jedhe.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button