header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Qabxiin qormaata biyyooleessaa kan kutaa 12ffaa ifa tahe

Ejansiin Madaallii Barnootaa fi Qormaata Biyyoolessaa har’a waaree booda akka ibsetti, barattoonni qabxii qormaata isaanii karaa ergaa barreeffamaa (Text Message) 8181’tiin, akkasumas Websaayitii eejansichaa app.neaea.gov.et seenuun saanduqa Admission jedhu keessatti lakkoofsa galmee(Registration Number) galchuun, go kan jedhu tuquuudhaan laallachuu ni danda’u jedhe.

 

Akka ibsa Ejensichaatti qormaata kutaa 12ffaa bara kana  kennameen barattoonni 322,717 galmaa’anii, barattoonni 319,264 qormaatamuu  ibsame. Barattoota qormaata fudhatan keessaa 59 qabxii 600 ol kan fidan yoo tahu, qabxiin ol’aanaan bara kanaa 645 tahuun beekamee jira. Dabalataanis barattoota qormaataman keessaa 48.59%  qabxii 350 ol kan argatan tahuu ibsame.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button