header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Paarlaamaan Keeniyaa Prezdaant Uhuruu Keeniyaataa waraana biyyattii gara garba Hindii akka bobbaasu gaafate

Wal dhabbiin dangaa Garba Hindii irratti Somaaliyaa fi Keeniyaa jidduu ture dhiheenya kana hammaataa kan dhufe yoo tahu, paarlaamaan Keeniyaa waraanni biyyattii gara garba Hindii akka ergamu prezdaant Uhuruu Keeniyaataa kan gaafate tahuu VOA’n gabaase. Kanuma hordofuun mootummaan Somaaliyaatis waraana isaa garasitti erguun Keeniyaa dura kan dhaabbattu tahuu beeksise.

 

Somaaliyaan bara 2014 “Keeniyaan daangaa galaanaa kiyya seeraan ala cabsite “jechuun mana murtii addunyaatti kan himattee yoo tahu, manni murtii haqaa idil addunyaatis ji’a dabre keessaa dhimmicha ilaaluu jalqabe. Haata’u malee mootummaan Keeniyaa akka jedhutti Somaaliyaan himannaa ofii isiitii mana murtiitti dhiheessite akka addaan citu hojjataa jirti jechuun yakke.

 

 

Manni murtii haqaa idil addunyaa September 9,2019 Zaheegitti dhimmicharratti falmii gama lamaanii dhageeffatuu kan jalqabu tahuus odeeyfannoon ni addeessa.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button