header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Ganda tokkorraa abbootiin warraa 67 Islaamawan

Godina Booranaa aanaa Yaaballoo ganda Diida Yaaballootti Da’awaa dargaggoonni naannichatti wal ijaaruun godhaniin guyyaa kaleessaa abbootiin warraa 67 gahan, kanneen amantaa gara garaa hordofuu turan, amantaa isaanii kan dhalootaa Islaamummaatti deebi’an.

Dargaggoota naannichatti sochii Da’awaa irratti bobba’an jidduu kan dubbisne, Da’awaa kanaan dura ganda sanitti godhaniin namoonni 4 Muslima tahuu dubbatan. Eegasii turtii muraasa booda immoo isaan kanas akka Shahaadaa qabsiisnu waamamnee kaleessa dhaqnee qabsiisne jechuun nutti hime.

Itti dabaluunis, namoonni kunneen Muslima tahanii Shari’aa akka baraniif hawaasni Muslimaa deeggarsa barbaachisu akka godhuuf qabu dhaamsa dabarfate.

Namoonni Islaamummaatti deebi’an kunniin irra hedduun isaanii hordoftoota amantaa Waaqeeffataa turan. Pirootestantoonnilleen keessa jiraatuu odeeyfannoon ni addeessa.

Yaballoo

4 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button