header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

COVID-19 UPDATES June 11, 2020

Ityoophiyaa keessatti lakkoofsi namoota vaayirasii koroonaatiin qabamuu mirkanaahe 2,670 gahe

Ministeerri Fayyaa Ityoophiyaa ibsa har’a baaseen, sa’aatii 24 darbe keessatti qorannoo laabratoorii 6,630 geggeesseen, nama 164 irratti vaayirasiin koroonaa argamuu beeksise. Haaluma kanaan biyyattii keessatti lakkoofsi namoota vayirasichaan qabamuu mirkanaayee 2,670 gahee jira.

Namoota kanneen jidduu 117 dhiira; 47 ammoo dubartoota akka tahaniifi, umriin isaanii ammoo 1-92 tahuu ibsame. Namoonni vaayirasichi irratti argame jidduu tokkoo lammii biyya biroo yoo tahu 163 ammoo lammiilee Ityoophiyaati.
Iddoon jireenna namoota kanneenii ammoo 104 jiraattota magaalaa Finfinnee, 26 naannoo Somaalee irraa, 22 naannoo Amaaraa irraa, 4 naannoo Tigraay irraa, 2 nannoo Oromiyaa yoo tahan, namni tokko nannoo Hararii, tokko benishaangul Gumuz irraa yoo tahu, 4 ammoo naannoo Kibbaa irraa tahuu ibsi ministeerichaa ni addeessa.

Dabalataanis lakkoofsi namoota dhibee kana irraa bayyanataniitis 434 gahee jira. Gama biraatiin ammoo namoonni shan sababa vaayirasichaatin du’uu ibsame. Haaluma kanaan biyyattii keessatti lakkoofsi namoota sababa vaayirasichaan du’anii 40 gahuu ibsame.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button