header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Mootummaan Emreets prezdaantii Indiyaa meedaaliyaa  biyyattii ol’aanaa badhaase

 

Prezdaantiin Indiyaa Narendiraa Modi Sabtii har’aa gara Abu Daabii imaluun,  meedaaliyaa kabajaa ol’aanaa harka Amiira Emreets Muhammad Bin Zayid irraa kan fudhate yoo tahu, badhaasni mootummaan Emreets prezdaantii Indiyaa jibbiinsa muslimootaatiin beekamuuf kenname komii cimaa kaasee jira.

Keessumattu mootummaan Indiyaa yeroo ammaa kana naannwa Kaashimiir of jalatti galchuun, mirga ofiin of bulchuu ummata Kaashiir yeroo haqetti badhaasni kun mootummaa biyya muslimaa irraa Prezdaantichaaf kennamuun,  hawaasa muslima addunyaa biratti dallansuu guuddaa kan uume tahuu odeeyfannoon ni mul’isa.

Mootummaan Emreets  akka jedhutti, walitti dhufeenya biyyoota lamaanii cimsuu keessatti shoorri Prezdaantii Indiyaa guddaa tahuu ibsuun, badhaasichi kan kennameef tahuu beeksise.

 

One Comment

  1. kun islamni wal irratti duuluu mullisa motummaan araba kiyyuu shari,an biyya bulchaa hin jiru aadaan bulchaa jiran

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button