header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Yaa’iin Idilee Majliisoota Godinaalee Baalee Lamanii Milkiin Xumuramuu gabaafame

Torban kana keessa Manneen Marii Dhimmoota Islaamaa godina Baalee fi Baalee bahaa Yaa’ii Idilee lammaffaa bara 2013 kan geggeessaan yoo tahu, hoggantoonni fi bakka bu’oonni mana marii dhimmoota Islaamaa Naannoo Oromiyaa irratti argamun qooda fudhatanii jiru

Yaa’ii Idilee 2ffaa Godina Baalee sadaasaa 26-27/2013 magaalaa Roobeetti guyyoota 2f geggeeffame irratti, Prezdaantiin mana marii dhimmoota Islaamaa Naannoo Oromiyaa Sheikh Hajjii Ibraahiim jila isaanii waliin, akkasumas qondaaltoonni Mootummaa godinichaa argamun kan qooda fudhatan tahuu gabaafame.

Akkasuamas bakka bu’oonni majlisoota  Aanolee 12  godinicha jalatti argamanii gabaasa bara bajataa 2012 dhiyeessanii jiru.

Qabiyyeen gabaasa majlisoota aanaalee 12’n kun dhiheessanii, Filannoo hoggantoota majlisaa, Wal harkaa fuudhuu majlisaa, Chaappaa bocachuu fii , Daataa masjiidotaa, madrasaa, markazaa, halqaa, lafa qabrii, masjiidota kaartaa hinqabneef kaartaa gaafachuu, waajjiraaf lafa gaaffachuu, lafa qabrii gaaffachuu, qarqaarsa ummataa sassaabuufii raabsuu, Akkasumas Covid 19 irratti hubannoo kennuufii dhimmoota wal qabatan irratti kan xiyyeeffatu tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Haaluma walfakkaatuun Manni marii dhimmoota Islaamaa Godina Baalee Bahaatis  sadaasa 27,2013 Yaa’ii Idilee lammaffaa bara 2013 magaalaa Gindhiiriitti  kan geggeesse yoo ta’u, hoggantoota majliisa naannoo irraa barreessaa mana marii ulamaa naannichaa kan tahan Sheikh Misbaah Aliyyii dabalatee , hoggantoota majliisa godinichaa akkasumas hoggantoonni majliisa aanaalee godinichaa kan irratti hirmaatan tahuu beekame.

Yaa’icha irrattis Gabaasni bara 2012 fi karoorri bara 2013 dhihaatee yaadas fi gaaffiin bal’aan irratti ka’ee erga gamaaggamee booda sagalee guutuun  mirkanaa’uu odeeffannoon ni addeessa.

4 Comments

  1. Mashaal’allaaah Mashaal’allaaah Mashaal’allaaah Mashaal’allaaah Mashaal’allaaah Mashaal’allaaah Mashaal’allaaah Mashaal’allaaah Mashaal’allaaah Mashaal’allaaah Mashaal’allaaah Mashaal’allaaah Worra baalee duru Adda dureen beekkamtu jabaadha itti fufaa hangaa 💪💪💪💪💪💪💪💪💪💪💪👍

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button