header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Galmeen ol iyyannoo Koree furmaata barbaadduu hawaasa muslimaa akka ilaalamu hayyamame.



Koree furmata barbaadduu hawaasa muslimaa kan galmee Ustaaz Abubakar Ahmad jalatti, himatamanii hidhaman irratti waggaa lama dura badii raawwatan jechuun manni murtii Federaalaa adabbii murteessuun ni yaadatama. Eega adabbiin irratti murteeffamee boodas waggaa lama gutuu manni murtii adabbii isaan irratti murteesse barreeffamaan osoo hin kennin ture. Sababa kanaaf Abukaattoon isaanii hanga ammaatti ol iyyannaa dhiheeffatu kan hin danda’in tahuun beekamaadha.

Sadaasa 27/2017 galmeen himannaa kun akka ilaalamu guyyaa kaleessaa kan hayyamame tahuu odeeyfannoon argame ni addeessa.
Galmeen himannaa kun akka ilaalamu miseensonni koree furmaata barbaadduu hawaasa muslimaa hidhaa irraa hikkaman dhiibbaa godhaa kan turan yoo tahu, guyyaa hardhaa manni murtii dhiheenyatti galmee ol iyyaannoo kana ilaaluuf guyyaa bellama kan beeksiisu tahuu ibse.
Namoonni galmee Ustaaz Abubakar Ahmad jalatti yakkamanii hanga ammatti hidhaan dararamaa jiran, Ustaz Ahmaddiin Jabaal, Ustaaz Ahmad Musxafaa, Ustaaz Muhammad Abate fi Obboleessa keenya Kaalid Ibrahim tahuun beekamaadha.
Oli iyyannaan isaanii kun yoo ilaalame murteen adabbii isaan irratti murteeffamee ture, hirdhifamee kan lakkifamu ykn immoo akkaataa Murtii duraan kennameetiin akka hidhaa irra turan murteeffamu danda’a jedhame eeggama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button