header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Waraanni Makkalaakayaa Godina Wallaggaa fi Shawaa Lixaa keessatti lubbuu namaa galaafate

Godina Shawaa lixaa magaalota akka Amboo,Gincii,Gudar fi Incinnii keessatti waraanni makkalaakayaa hawaasa irratti dhukaasa banuun namoonni heddu kan miidhaman tahuun gabaafame.

Magaalaa Gudaritti Abbaa fi ilmi rasaasa Agaaziitiin rukutamuun Abbaan battalumatti lubbuun isaa kan darbite yoo ta’u, ilmi ammoo gar malee kan miidhaame tahuu odeeyfannoon argame ni ibsa.

Magaalaa Amboottis, namoonni hedduun rasaasaan akka rukutamaanii fi lubbuun nama tokkoo kan darbite ta’uun beekame. Magaalaa Gincii keessatti ammoo loltuun makkalaakayaa tokko kan ajjeefame tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.

Haaluma walfakkaatuun Godina wallaggaa lixaa magaalaa Gimbii keessatti dhukaasa waraanni makkalaakayaa namoota nagayaa irratti baneen yoo xuqqaate namoonni sadi kan rukutaman tahuun beekame.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button