header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Namoonni Prezdaantii Naannoo Somaalee duraanii mana hidhaatii humnaan baasuuf yaalan too’annaa jala ooluu gabaafame

 

Namoonni Prezdaantii naannoo Somaalee duraanii Obbo Abdii Illee humnaan mana hidhaatii baasuuf yaalan to’aannaa jala ooluu gaazexaan Reporter gabaase. Wixata dabre Adoolessa 29/2011 Obbo Abdiin beellamaaf mana murtiitti dhiyaatee kan ture yoo tahu, guyyama kana namoonni meeshaa waraanaa hidhatan Obbo Abdii miliqsuuf mana hidhaa fuul duratti qophaayanii eegaa osoo jiran kan qabaman tahuu ibsame.
 
Akka gabaasa kanaatti, namoonni Konkolaataa naannawa mana hidhaa dhaabanii turan, akka kaasan yeroo gaafatamanitti diduun Poolisa irratti dhuukaasa bananiin namni tokko kan madaaye yoo tahu, dubartii takka dabalatee shakkamtoonni gocha kana raawwatan heddu battalumatti kan qabaman tahuu odeeyfannoon ni addeessa.
 
Poolisiin qorannoo shakkamtoota irratti geggeessen namoonni yakka kana qindeessan, naannawa mana hidhaa kanatti mana kireeffatanii akka turanii fi meeshaaleen waraanaa heddu mana kana keessatti kan qabaman tahuu gabaasni Reporter ni mul’isa.
 
Itti gaafatamaan mana hidhaa Qaallittii obbo Takluu Lataa dhimma kana gaafatamee deebisaa kenneen, guyyaa jedhame kana namni mana hidhaatii miliqee ture tokko dhukaasa baneen poolisiin takka madaayuu ibsuun, dhimmichi Obbo Abdii waliin wal hin qabatu jechuu isaa repportera AP’tti hime.
 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button