header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Gamtaan Biyyoota Islaamaa wal gahii ariifachiisaa magaalaa Jiddaatti geggeessaa jira

Muummichi ministeera Israa’il Benjaamiin Netiniyaahuu torbaan dabre keessa yeroo duula na filadhaa geggeessaa turetti Televizhina biyyaa irratti ‘filannoo September 17 geggeeffamu yoo injifadhe, lafa Falasxiin humnaan kute Israa’il jala galcha’ jechuun dhaadate. Kanuma hordofuun, dhimmicha irratti mariyatuuf Gamtaan Biyyoota Islaamaa wal-gahii ariifachiisaa yaamee ture.

Walgahiin torbee dabre sadarkaa ministeerota haajaa alaa biyyoota miseensa gamtichaatin yaamame kun har’a magaalaa Jiddaatti geggeeffamaa jiraatu odeeyfannoon ni addeessa.

Wal-gahii kana irratti kan argame ministeerri haajaa alaa Falasxiin Riyaad al Maliik “Labsiin muummicha ministeera Israa’il Benjaamiin Netiniyaahu, yaalii biyyoota lamaan jiddutti nagaya buusuuf godhamaa jiru kan danquufi kan addunyaa guutuu tasgabii dhorku” jechuun balaleeffate.

Bareessaan waliigalaa gamtichaa Yuusuf bin Useymiin immoo haasawa baniinsa wal-gahii kana irratti godheen “Cunqursaa Israa’il ummata Falasxiin irraan gahaa jirtuuf akka itti gaafatamtu fala kayuu qabna” jedhe.

Haluuma walfakkaatuun Ministeerri haajaa alaa Sa’uudii immoo gama isaatiin “nuti Araboonni yeroo ammaa kanatti dhimmoota gara garaatiin qabamnuus dhimmi Falasxiin dhimma ijoo keenyaa tahuu qaba” jedhe.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button