header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

UN uggurri Faransaay Niqaaba irra keette kan mirga namoomaa sarbe jedhe

Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti ejensiin mirga namoomaa ibsa baaseen, labsii niqaaba ugguruuf bahe ilaalchisee Sababaan mootummaan Faransaay dhiheesse gahaa miti jedhe. Ejensichi ibsa Salaasa hara’aa baase kanaan, “Inumaayyuu labsiin niqaaba ugguruuf bahe kun mirga namoomaa fi walabummaa amantaa kan sarbe”jechuun beeksise.

 

Faransaay bara 2010 keessa labsii niqaaba ugguru kan baaste yoo tahu, eega labsiin kun baheen booda dubartoonni lammii Faransaay Niqaaba uffatan heddu mana murtiitti himatamanii adabamanii jiru. Bara 2015 qofa Faransaay keessatti dubartoonni 200 ol sababa Niqaabaatiin mana murtiitti kan himataman tahuu gabaafame.

 

Dubartoota lammii Faransaay labsii kanaan adabaman jidduu lama, bra 2012 gara ejensii mirga namoomaa UN’tti mirgi namoomaa fi amantaa isaanii sarbamuu eerudhaan kan iyyatan tahuu gabaasni arganne ni ibsa. Faransaay sababaan uggura Niqaabaa dhimma nageenyaatiin kan wal qabate jette. Ejensichi garuu dhimma nageenyaatiif yeroo barbaachisetti, dubartoonni fuula isaanii humnoota nageenyaatiif akka agarsiisan seera dirqisiisu baasuun gahaa tahee osoo jiru, guututti ugguruun mirga amantii sarbuudha jedhe. Dabalataanis seerri kun dubartoonni muslimaa tajaajila hawaasummaa akka hin arganne moggatti kan dhiibe jechuun balaaleffate.

 

Ejensiin mirga namoomaa murtii dabarseen, Faransaaya dubartoota lamaan iyyannoo dhiheessaniif beenyaa kafaluu dabalatee, murtii kana hujii irra oolchuu isii guyyaa 180 keessatti gabaasa akka dhiheessitu  gaafate. Fuulduraafis seera kanaan mirgi dubartoota birootis akka hin sarbamne tarkaanfii fudhatte beeksisuu qabdi jedhe.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button