Ityoophiyaa, Suudaan fi Masri dhimma hidha guddicha laga Abbaay irratti marii jalqaban

Ministeeronni Bishaanii biyyoota sadeenii dhimma hidha laga Abbaay irratti har’a Kaayiroo keessatti marii kan jalqaban yoo tahu, haaluma kanaan jilli Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjii Ityoophiyaa Dr. Silashii Baqqalaatiin durfamu wal gahicha irratti kan hirmaataa jiru tahuu ibsame.
Wal gahiin ammaa kun bu’aa qorannoo gareen ogeeyyotaa dhimmoota adeemsa ijaarsaa, bulchiinsa hidha kanaa, akkasumas ijaarsi yoo xumurame akkaataa bishaan hidha kana keessatti guutamuu irratti mari’achuuf kan karoorfame tahuu odeeyfannoon argame ni mul’isa. Haa ta’u malee xiinxaltoonni siyaasaa dhimmicha hordofan, mariin qondaaltonni biyyoota sadeenii February 2019 Finfinnee keessatti geggeessanii turan walii galtee malee kan xumurame tahuu eeruun, ammas ijaarsa hidha laga Abbaay ilaalchisee ijjannoo cimaa mootummaan Masrii hordofaa jiru irratti hundaayuun, yeroo gabaabaa keessatti walii galtee irra gahuun kan hin danda’amne tahuu ibsaa jiran.
Mootummaan Masri hidha laga Abbaay ilaalchisee kanaan dura yeroo heddu komii cimaa kan dhiheessaa ture yoo tahu, haaluma wal fakkaatuun torbee dabre keessa prezdaantiin biyyattii Abdulfattaah Al Sisi “Ityoophiyaan waggaa saddeet dura yeroo biyyi keenna walitti bu’iinsa keessa turte haalaa mijaawaa argattetti fayyadamtee hidha laga Abbaay jalqabuun isii kan nu gaabbisiisu”jechuu isaa gaazexaan biyyatti Al Ahraam jedhamu gabaase.
Dabalataanis Mootummaan Masrii, eega ijaarsi hidha laga Abbaay xumuramee booda hujiin bulchiinsaa akka ogeessota biyyoota sadeenitiin geggeeffamu, akkasumas bishaan hidha laga Abbaay yeroo waggaa saddeetii keessatti akka guutamu, gaaffii jedhu ifatti mootummaa Ityoophiyaatiif kan dhiheesse tahuunis beekamee jira.
Suudaan gama isiitiin ijaarsa ilaalchisee dhimmoonni teeknikaa muraasni yoo sirraahan, komii tokkoon malee deeggarsa barbaachisu hunda Ityoophiyaaf kan kennitu tahuu ibsataa turte.
jzk kahiran galatoma hora bula!
as wr wb gahen kessan bayee baredadha ammayuu nuf jiradha galatoma nuf jiradha sinin jedha hora
bula jzk kahiran
Dhimmi Abbaay dhimma eenyummaa waan ta’eef dhaloota ammaa jiru qofa osoontahin kan fuulduraalleen maal jachaa akka jiran waaqaatu beeka. immoo kan jaachaa jiran // ABBAAY Dhiiga keenya, Ethiophian LAFA teenya. LAFTTI LAFEE KEENYA . Kalaas kana hubachuu qaban didan wal arguuf tenya…//